Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)-Komishininiin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti waltajjii marii Ajandaa walitti qabuu gaggeessuu eegaleera.
Komishinichi hanga ammaatti waltajjii marii Naannoolee 7 fi bulchiinsa magaalaa 2tti gaggeesseen kutaaleen hawaasa aanaalee 932 walitti babba’an kumni 100 fi 50 ol hirmaachuu ibseera.
Komishinarri komishichaa Dookar Yoonaas Adaayyee, komishinichi garaagarummaa yaadaa fi waldhabdee kara nagaan furuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoon Kibba Itiyoophiyaas ajandaalee mariif dhiyaatan walitti qabuuf marichi hirmaachiisaa fi amanamaa akka ta’uu eeraniiru.
Naannoo Amaaraa fi Tigraayitti adeemsa Ajandaa walitti qabuuf qophii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Zaman Bayyaanaatu gabaase.