Komishinichi naannoo Amaaraa fi Tigraayitti lammiilee miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 342 taasiise

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa naannoo Amaaraa fi Tigraayitti lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 342.4 taasisuu beeksise.

Onkololeessa 20, 2015 eegalee naannolee kanneenitti deeggarsi garaagaraa lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif raabsamaa jiraachuu Daayrektarri Hariiroo Ummataa Komishinichaa Obbo Dabbabaa Zawdeen Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Hanga ammaatti marsaa sadiin deeggarsi garaagaraa Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 42 fi kuma dhibba 4 ol laatamuu eeraniiru.

Qamadiin kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 50 fi 627 lammiilee rakkoof saaxilaman kuma dhibba 3 fi kuma 71 fi 291 raabsamuu dubbataniiru.

Nyaanni badhaadhaan kuntaalli kumni 14 fi 292 hadhoolii ulfaa fi daa’immaniif laatamuu eeraniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment