Komishinichi naannoo Afaaritti Lammiilee balaa garaagaraan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 25 taasise

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Komishiniin Gumurukaa naannoo Afaaritti Lammiilee balaa nam- tolchee fi uumamaan miidhamanii fi qaamolee nageenyaa naannichaa meeshaalee Birrii miiliyoona 25 olitti tilmaamamu deeggarsa aasisuu ibsameera.
Komishinichi wayita rakkoon nam tolchee fi uumamaa mudatu deeggarsa taasisaa turuu Preezdaantiin naannichaa obbo Awwal Arbaan ibsaniiru.
komishinichi deeggarsa gama maraa duula birmadummaaf taasiseen onnee uummata Afaar keessa bara baraan kan jiraatu ta’uu eeraniiru.
Komishinarri Komishinichaa obbo Dabalee Qaabataa gamasaaniin, Afaar bakka argama dhala namaa qofa osoo hin taane Ityoophiyummaasaarratti eenyu waliinuu jaarsummaa kan hin teeny, uummataa fi biyya isaa kan kabachiisuu bakka argama goototaa ta’uu eeraniiru.
Uummata goota kanaaf wayita rakkoo isaatti bira dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Komishinii Gumuruka Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment