Finfinnee, Mudde 2, 2017 (FMC)-Komishiniin Marii Biyyaalessaa milkaa’ina marii ajandaa adda baasuu Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti gaggeefamuuf qooda fudhatoota waliin mari’ateera.
Mariicha irratti bakka bu’oonni paartilee siyaasaa, qaamolee mootummaa, namoota bebbeekamoo, waldaalee fi dhaabbilee adda addaa irraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.
Marii ajandaa walitti qabu Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamuun, ajandaa waliigaltee biyyaaleessaa uumanii fi egeree biyyaa fi Gaanfa Afrikaa jijjiiruuf murteessaa ta’an adda baasuuf gaheen qooda fudhatoota olaanaa ta’uu Komishinichatti Qindeessaan Damee Oromiyaa Obbo Buzunaa Asaffaa himaniiru.
Oromoon ajandaalee hedduu eeruu fi deebii itti kennuu bal’aa qaba kan jedhan Obbo Buzunaan ajandaawwan naannichaa fi biyya ceesisan eeruun, waliigaltee biyyaalessaaf barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Mariin ajandaa adda baasuu Naannoo Oromiyaa bakka bu’oota hawaasaa Aanaalee 356 irraa filataman kuma 7 fi 500 ol hirmaachisuun, Muddee 7-13, 2017 kan gaggeefamuu yoo ta’u, xumura marichaatti hirmaatoonni Gumii Marii biyyaaleessaa irratti hirmaatan 320 ni filatamuun eegama.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia