Komishinichi Maallaqaa fi qabeenya Mootummaa seeraan ala qisaasaman deebisiise

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Komishiniin Namusaa fi farraa malaammaltummaa oromiyaa maallaqaa fi qabeenya mootummaa seeraan ala qisaasaman deebisiisuu beeksise.

Komishinichi gamaaggama raawwii hojii bara 2016 Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Komishinarri komishinichaa Abdallaa Ogateen qorannoo raawwii dhiyeessaniin, qabeenyi mootummaa seeraan ala qisaasame Birriin miiliyoonni 471 ol, lafti mana jireenyaa Meetir Iskuweerii kuma 149 fi 361 fi lafti baadiyyaa hektaara kuma 1 fi 600 ol, konkolaatota, kompiiwutaroonni, doqdoqqeewwan, kaameraa dijitaalaa, Jeneretaara fi kanneen biroon akka deebi’an taasifamuu ibsaniiru.

Kana malees moosaajii haaraa fayyadamuun hojiin qabeenyaa fi madda galii muudamtootaa, filatamtootaa fi hojjettoota kuma 100 ol galmaa’uu eeraniiru.

haaluma kanaan Birriin miiliyoonni 183 fi kuma 796 fi 253, mana jireenyaa 67, lafa manaa Meetir Iskuweerii kuma 9 fi 700 fi lafa qonnaa heektaara 27 osoo qabanii hingalmeessisiin hafuun mirkanaa’uu ibsaniiru.

Gama biraan Birriin miiliyoona 53 fi kuma 219 ol hinqabaatin, manni jireenya 76, lafti mana jireenyaa Meetir Iskuweerii kuma 10 fi 731 fi lafa qonnaa heektaara kuma 2 ol osoo hinqabaatiin akka waan qabanitti galmeessisuun kan mirkanaa’e ta’uu ibsameera.

Qorannoowwanii fi qo’annoowwan dhaabbilee mootummaa fi misoomaa mootummaatti gaggeeffameen qabeenyi mootummaa fi ummataa maallaqa miiliyoonaatti lakkaa’amu deebi’uu ibsamuu ragaan Biiroo Koominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment