Komishinichi lammiilee fi dhalattoota tiyoophiyaa Ameerikaa fi Kanaadaa jiraatan waliin mari’ate

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)- Koomishiniin Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaanotaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa Ameerikaa fi Kanaadaa jiraatan waliin marsariitiin mari’ateera.

Marichis lammiilee fi dhalattoonni Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatan adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa fi deeggarsa taasisuu qabanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan lammiileen kunneen gumaacha ijaaraa taasisuu akka qaban ibsamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Maalummaa marii biyyaalessaa, hojmaataa komishinichi hordofuu fi hojiilee hanga ammaatti hojjetaman irratti ibsi bal’aan kennameera.

Haala lammiilee fi dhalattootaa Itiyoophiyaa Ameerikaa fi Kanaada jiraatan waliin komishinichi hojjechuu danda’urratti yaadonni garaagaraa hirmaattotarraa calaqqisifamuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment