Komishinichi lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Namoomaa taasisaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa  lammiilee Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Namoomaa taasiisaa jiraachuu ibseera.

Tajaajilli kominikeeshinii Mootummaa Komishinicha wabeeffachuun akka ibsetti , balichaan lammiileen 600 qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Mootummaan Federaala kara Komishinichaan lammiilee kuma 3 oliif miidhaan nyaataa kuntaala 520 fi meeshaalee garaagaraa deeggarsaa taasisuun ibsameera.

Komishinichi deeggarsa birrii miiliyoona 5.7 olitti tilmaamamuu taasisuu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment