Komishinichi kurmaana 1ffaa darbe keessaa galii Birrii biiliyoona 88 ol walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Komishiniin Gumrukaa bara baajataa 2017 kurmaana 1ffaa darbe keessa galii Birrii biiliyoona 88 ol walitti qabuu beeksiseera.

Komishinarri Komishinichaa Dabalee Qaabataan raawwii kurmaana 1ffaa bara 2017 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa Birrii biiliyoona 87.27 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 88.1 walitti qabamuu ibsaniiru.

Kunis kana bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 38.45 caalmaa qabaachuu kaasaniiru.

Kurmaana darbe kana keessaa meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 3.6 olitti tilmaamamu to’atamuus himaniiru.

Daldala waliin dhahuu fi sababa Kontiroobaandiin Birrii mootummaan dhabuuf ture biiliyoona 50.5 baraaruun danda’amuu kaasuu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment