Komishinichi hojiisaa loogiirraa bilisa ta’ee hojjechuun itti gaafatamummaasaa ba’achuu akka qabu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Komishiniin mare biyyaalessaa hojiisaa loogiirraa bilisa ta’ee hojjechuun itti gaafatamummaasaa ba’achuu akka qabu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon yaadachiisan.

Sagantaan hojii eegaluu fi walbaruu koomishinii mare biyyaalessaa gaggeeffame.

Obbo Taaggasaan siyaasni biyyaa ol waan hin taaneef komishinichi itti gaafatamummaa labsii hundeeffama komishinii mare biyyaalessaan itti laatame loogiirraa bilisa ta’uun hojii seena qabeessa hojjetaa darbuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Paartileen siyaasaa maricharratti hirmaatan akka qaama tokko ta’uu eeruun abbaan marichaa uummata ta’uu fi murtoo sirriin kan eegamu uummatarraa ta’uu ibsaniiru.

Komishinichi karoora qopheesee gara hojiitti akka galuuf humni namaa barbaachisu , biiroo fi galteewwan guutamuufii waan qabaniif Ministeera Maallaqaa waliin dubbachuun baajatni barbaachisaan kan ramadamu ta’uu kaasaniiru.

Walitti qabaan koomishinichaa Proofeesar Masfin Aarayaan gamasaaniin miseensa komishinii maree biyyaalessaa ta’anii akka hojjetaniif itti gaafatamummaan kan itti kenname uummataan ta’uu fi yeroosaanii guutuu kennuun miira itti gaafatamummaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaalee fi qaamolee biroo waliin kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Giddu seentummaan qaama raawwachiistuu yookaan ammoo mootummaa akka hin jiraanne abdii qaban ibsuu ragaan Mana Marecharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment