Komishinichi Hoggantootaafi ogeessota DhMG waliin dhimmoota deeggarsaafi tumsaarratti mari’ate

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Komishiniin Haaromsaa Biyyaalessaa  Hoggantootaafi ogeessota Dhaabbata Mootummoota Gam,toomanii waliin dhimmoota deeggarsaafi tumsaarratti mari’achuu ibsame.

Marichaan komishinichi guyyaa hundeeffamerraa eegalee hojiilee koree gurmaa’iinsaan hojjetaman ka’aniiru.

Dhimmoonni yeroo ittaanutti waliin hojjetamuu danda’an adda bahuun waliigalteerra gahamuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Komishiniin Haaromsaa Biyyaalessaa FDRI itti waamamni isaa Ministeera Nageenyaa yoo ta’u, lakkoofsa dambii Mana Maree Ministeerotaa 565/2015 kan hundaa’edha.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment