Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu sagantaa hundeeffamaa mootummaa haara sababbeeffachuun ganama sa’aatii 3 irraa eegalee daandiiwwan cufaa ta’an ifoomseera.
Sagantichi milkiin akka xumuramuuf qaamoleen nageenya qophii barbaachisaa taasisee gara hojiitti galuu poolisiin ibseera.
Saganticharratti preezdaantoonni biyyoota garagaraa, muummeen ministeeroota, bakka buutoonni biyyoota akkasumas preezdaantiin naannoolee, kantiboonni kutaa magaaalaa hundi keessummooni waamichi taasifameef ni hirmaatu.
Sagantichi hanga xumuramuutti daandiiwwan konkolaattootaaf cufaa ta’aanii:-
- Addabaabaay Miyaaziyaa 27 hanga gara Ministeera Dhimma
- Awwaareerraa gara Paarlaamaa
- Addabaabaay Dubratootarraa gara Kaasaanchiis
- Addabaabaay Dubartootaarraa Indaraas Hoteelii gara Kaasaanchiis Tootaal
- Hayahuleetti Bataskaana Qidduus Uraa’ee akkasumas Edinaamoolii gara Hootela Atilaas
- Hoteela Atilaasirra gara Hoteela Dassaaleenyi Ruwaandaa
- Hoteela Empeerilaayii gara Hoteela Biraas
- Garjii Hospitaala Kooriyaa daandii keessaa keessaatin gara hootela Biraas geessuu
- Daandii Gooroo haaraa gara Hoteela Biraas
- Boolee Mikaa’eelii gara Ruwaandaa geessu
- Kaadiskoo addabaabaay gara Boolee Mikaa’eel
12.Bulbulaarraa gara Boolee Mikaa’eel
- Masqal Filaawoorii gara addabaabaay Goorgiis
- Gootaraa gara addabaabaay Masqalaa
15.Marfataa Goofaarra gara Bataskaana Qidduus Qirqoos Lagahaar
- Marfataa Bulgaariyaa gara Hoteela Nigaat akkasumas Marfataa Bulgaariyaa gara addabaabaay Gamtaa Afrikaa
- Mana Murtii olaanaarra gara addabaabaay Meeksikoo
- Moollaa Maaruu gara bataskaana Qidduus Lidataa
- Takla Haayimaanootii gara hospitaala Xiquur Anbassaa
Daandiiwwan guyyaa boruu sa’aatii 3:00 irraa eegalanii cufaa ta’aan ifoomsu ragaan komishinicharra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.