Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Waggaa darbe baatii Adoolessaarraa eegalee deeggarsi midhaan nyaataa meetrik tooniin kumni dhibbi 1 fi kumni 38 ol naannoo Tigraayiif ergamuu Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksiseera.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Obbo Mitikuu Kaasaan deeggarsa naannoo Tigraayiif dhiyaachaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
Naannichatti lammiilee miiliyoona 5.2’f deeggarsi taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Deeggarsichi deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaaleen nyaataan alaa, deeggarsa maallaqaa, meeshaalee yaala fayyaa fi boba’aa kan of keessatti hamate ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsa kan saffisiisuuf guyyaatti konkolaattonni 300 ol naannichatti deeggarsa dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Miniyichil Azzazawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.