Komishinarri Jeneraalaa Dammallash Gabramikaa’el Inispeektara Tajaajila Poolisii Biyyaalessa Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)- Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallash Gabramikaa’el Inispeektara Tajaajila Poolisii Biyyaalessa Rippaabiliika Sudaan Jeneraal Atam Maarool waliin mari’ataniiru.

Hojirra oolmaa waliigaltee dhaabbileen lameen bara faranjoota 2021 mallatteessanirratti mari’achuun ibsameera.

Yakkoota daangaa ce’oo ittisuu, waljijjiraa yakkamtootaa, ijaarsa dandeettii fi riifoormii poolisii caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Dabalataaniis Komishinarri Jeneraalaa Dammallash Gabramikaa’el Ministira Dhimma Biyya keessaa Sudaan waliin mari’achuu ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia
#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment