Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Jigjigaatti Poolisoota leenjirra jiran daawwatan

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Jigjigaatti Poolisoota leenjirra jiran daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel magaalaa Jigjigaa Giddugala Leenjii Poolisii Garbaasaatti Poolisoota leenjirra jiran daawwataniiru.

Leenjitoonni marsaa 25ffaaf leenjirra jiran kunneen rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa muudachuu malu kamiiyyuu qolachuu kan danda’anii fi dirqama itti kenname hunda ga’umsaan raawwachuu akka danda’an shaakala gochaan argisiisaan mirkaneessuu ibsameera.

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Hospitaala Komishiniin Poolisii Federaalaa Magaalaa Jigjigaatti ijaarsisaa jirus daawwachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment