Komishinarri Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel kabaja ayyaana Irreechaa ilaalchisee Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC) – Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee ilaalchisee Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee waliin mari’ataniiru.

Ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan akka kabajamu qophiin gahaan humna namaa, Loojistiiksii fi teeknooloojiin deeggarame taasiifamuu Komishinarri Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Kabajni ayyaana Hora Finfinnee fi Hora Harsadee nagaan akka xumuramu gaheen abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee olaanaa ta’uu eeraniiru.

Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa waliin oppireeshinii qindoomaa gaggeesseen qaamoleen dhuunfaa adeemsa kabaja ayyaanichaa gufachiisuuf socho’aa turan meeshaalee seeraan alaa hidhatan waliin to’annoo jala oolchuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment