Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaa eeruun hanga Amajjii 6, 2014 itti fufa – MMBBU

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Kaadhimamtoota Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaa eeruun hanga Amajjii 6, 2014 kan itti fufu Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa beeksise.
Labsii Lakkoofsa 1265 Komishinii Mare Biyyaalessaa hundeessuuf bahe hordofee koreen eeruu kaadhimamtoota Komishinarootaa simatu Mudde 26,2014 eegalee eeruu kaadhimamtoota Komishinarootaa simachuu irratti argamu.
Simannaan kunis hanga Amajjii 6,2014’tti kan itti fufu ta’uu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa beeksiseera.
Adeemsa kana keessatti namoonni eeruu kennan dhimma isaanii qulqullaa’uu qabu karaa fuula miidiyaa hawaasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin gaafachaa jiru.
Gaaffilee irra deddeebiin ka’an keessaa foormiin itti Kaadhimamtoonni komishinaraa kun itti eeraman odeeffannoowwan hangaa ol baay’ee ta’e qabachuu isaatiin waa’ee namoota eeramanii odeeffannoo gahaa dhabuun namoonni eeramuu qaban osoo hin eeramiin hin hafanii gaaffii jedhu.
Lammiileen dhimmichaaf xiyeeffannoo kennuun hordofanii gaaffii dhiyeessuu isaaniif koreen eeruu simatu kun guddaa galateeffata jedheera.
Uunkaa kun sadarkaa kanatti odeeffannoo akka qabaatu kan taasifameef namoonni eeraman imaanaa olaanaa biyyaa waan isaan irra kaa’amaa jiru ta’uu fi kanneen eeranis maalummaa nama eeran sanaa ragaa qabatamaa beekuun akka itti qophaa’anii eeraniif kan yaadamedha.
Haaluma kanaan namni tokko eeruu kan danda’u nama tokko qofaa akka ta’e ibsuu barbaanna.
Akkasumas kaadhimamaan tokko namoota meeqaan eerame ulaagaan jedhu waan hin jirreef, nama tokko irra deddeebi’anii eeruun faayidaa akka hin qabne hubachiisuu barbaannas jedhame.
Uunkaa dhiyaate fayyadamuun qofa eeruu kennuu kan danda’amu ta’uu ibsamuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment