Komishinaroonni Komishinii marii Biyyaalessaa preezdaantii naannoo Sidaamaa waliin marii gaggeessaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Komishinaroonni Komishinii marii Biyyaalessaa preezdaantii naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo fi misensota kaabinee naannichaa waliin magaalaa Hawaasaatti marii gaggeessaa jiraachuu ibsame.

Hojiiwwan komishinichi baatiwwan 3 darbanitti hojjechaa turerratti walitti qabaan Komishinichaa Proofeesar Masfin Aarayaan ibsa taasisaniiru.

Waltajjichi ga’ee naannoleen hojii komishinichi yeroo itti aanutti hojjetu irratti qaban ilaalchisee marii bal’aan kan taasifamu ta’uu eerameera.

Waltajjichaarratti Preezdaantii naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo dabalatee miseensonni kaabinee naannichaa hirmaachaa jiraachuu addeeffameera.

Yeroo itti aanutti dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mariin ni taasifamaa jedhamee kan eegamu ta’uu TOI gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment