Komishinaraa Jeneraal Dammallash jila nageenyaa Ummataa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel jila Ministira Itti aanaa nageenyaa Ummataa Chaayinaa Zhuu Daatoongiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Mootummaan Chaayinaa Poolisii Itiyoophiyaaf carraa barnootaa ogummaa fi leenjii kennaa jiraachuu Jeneraal Dammallaash eeraniiru.

Abbootii qabeenyaa Itiyoophiyaatti hojii misoomaarratti bobba’aniif Poolisiin Itiyoophiyaa eeggumsa barbaachisu taasiisaa jiraachuu himaniiru.

Nageenyi Piroojektoota misoomaa Chaayinaa akka eegamu Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa waliin hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Nageenyaa Ummata Chaayinaa Zhuu Daatoong ibsaniiru.

Jilichi hojiilee misooma Poolisiin Federaalaa hojjetaa jiru daawwachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment