Komishinara Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa kan turan Obbo Mitikkuu Kaasaa to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Komishinara Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa kan turan Obbo Mitikkuu Kaasaa to’annoo jala oolaniiru.

Koomishinarichi yakka malaanmaltummaan shakkamuun Poolisii Federaalaan to’atamaniiru.

Itti Gaafatamaan Qajeelcha Qorannoo Yakkoota Malaanmaltummaa Qajeelcha Waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Gargaaraa Koomishinaraa Taaddalaa Ayyalaa, koomishinarichaa kan to’annoo jala oolan abbaa qabeenyaa Waldaa Tola Ooltummaa Elshaadaay jedhamu waliin ta’uun yakka malaanmaltummaa raawwachuun shakkamuu ibsan.

Dhaabbanni Elshaadaay jedhamu Awaash, Adaamaa, Hawaasaa, Injibaaraa fi naannawaa birootti buqqaatonni jiru jechuun bakka buqqaatonni hinjirretti irra deddeebiin midhaan gargaarsaa fi uffannalee gurguruun mana jireenyaa shakkamaaf bituu qorannoon mirkanaa’uu ibsaniiru.

Poolisiinis shakkamaarratti hordoffii bal’aa gaggeessaa turuu ibsuu isaanii EBC gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment