Finfinnee, Caamsaa 13, 2015 (FBC) –Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Nameen abbootii qabeenyaa Ityoophiyaa Emireetoota Araba Gamtoomanii jiraatan waliin mari’ataniiru.
Komishinar Laliseen fooyya’iinsa Seeraa, gurmaa’insaa fi hojmaataa taasifamee fi hirmaannaa Invastimantii Diyaaspooraa ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneen carraalee jiru fayyadamuun misooma Invastimantiirratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Diinagdeen biyyaa akka saffisuu fi ce’umsi teeknooloojii akka mirkanaa’uu ga’een Diyaaspoorawwanii olaanaa ta’uu Emireetoota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Umar Huseen dubbataniiru.
Yaada ka’umsaa dhiyaaterratti gaaffii fi yaadni dhiyaachuun marii bal’aan taasifamuu ragaan Emireetoota Araba Gamtoomaniitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.