Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Nameen Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Paarkii Invastimantii Dubaay Oomaar Al Masmaar waliin mari’atan.
Dhaabbatichi Ityoophiyaatti naannawaa Indaastirii ijaaruuf karoora qabaachuufi hojiirra oolaasaarratti mari’achuu ibsameera.
Dhaabbatichi Joorjiyaa, Ijipt, Moorookoofi Angoolaatti paarkiiwwan indaastirii misoomsaa jiraachuu hojii raawwachiisaa olaanaan paarkichaa eeraniiru.
Yeroo itti aanutti dameeleen dhaabbaticha jala jiran invastimantii isaanii babal’isuuf Ityoophiyaa kan filatan ta’uu ibsaniiru.
Komishinar Laliseen gamasaaniin, dhaabbatichi piroojektiisaa hojiirra akka oolchuuf mootummaan deeggarsa barbaachisaa kan taasisuuf ta’uu ibsuusaanii ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.