Komishinar jeneral Dammallaash Gabremikaa’el jila hooggansa olaanaa poolisii Sudaan Kibbaa waliin mari’atan.

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) –Komishinarri komishinii poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabremikaa’el jila hooggansa olaanaa poolisii Sudaan Kibbaa waliin Finfinneetti mari’ataniiru.

Dhaabbileen poolisii biyyoota lamaanii walii galtee waliin hojii kanaan dura waliif mallatteessan bu’uura godhachuun poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa deeggarsa hedduu kennaa jiraachuufi ammallee bu’aawwan riifoormiin argaman Sudaan Kibbaaf muuxannoo akka qoodu Komishinari, Dammallaash ibsaniiru.

Dhaabbileen biyyoota lamaanii adeemsa hojiirra oolmaa walii galtichaarrattis mar’achuun, rakkoowwan nageenyaa daangaa biyyoota lamaanii gidduutti mul’atan, ‘shororkeessummaa fi daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan ala waloon ittisuuf waliigaluun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment