Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC)- Komiishiniin Poolisii bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti karaa nagaatiin xumuramuu beeksise.
Komiishinarri Komiishinii Poolisii bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Alamuu Magraa, filannoon baranaa karaa nagaatiin akka xumuramuuf filannoo dura sochiin magaalaa keessatti duula na filadhaarraa eegalee hanga guyyaa filannootti nageenya ummata magaalattii eeguuf qaamolee garagaraa waliin qindoominaan hojjechuu himan.
Guyyaa Sagaleen kennamaa turettis qaamolee nageenyaa bobbaasuun buufataalee filannoorraa jalqabee hanga guutuu magaalattiitti hojii hojjetameen filannoon karaa nagaa fi tasgabbiitiin xumuramuu ibsan.
Adeemsa filannoo keessatti gama adeemsa sagalee kennuu, bu’aa filannoo fi nageenyaatiin walqabatee rakkoon uumamu yoo jiraate qaamolee dhimma kana hirdofanii furmaata kennan hundeessanii hojjachaa turuu kan himaniiru.
Hanga ammaatti paartilee siyaasaas ta’e qaama biraa kamirraayuu komiin akka hin dhiyaanne himaniiru.
Filannichi karaa nagaatiin akka xumuramuuf qaamolee gumaachan hundaa galatoomfataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.