Komii himatamtoonni galmee himata obbo Jawaar Mahaammaadfaa dhiyeessaan irratti Abbaan Alangaa komii barreeffama dhiyeesse

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Dhaddachaa yakkaa mana murtii federaalaa 1ffaatti komii abbaan alangaa dhaggeeffachuuf beellama Sadaasa 18, 2013 qabameen Abbaan Alangaa komiisaa mana murtiif dhiyeesseera.

Dhaddachaa kanaan himatamtoonni obbo Jawaar Mahaammadii fi obbo Baqqalaa Garbaa kan hin dhiyaannee yoo ta’an, haala waqtaawaa biyyaatti akkasumaas hirmannaa siyaasaa qabnuun fageenyaa mana amalaa sirreesaa fi mana murtii gidduu jiru dheeraa waan ta’eef sodaa nageenyaa nurratti uumeeraa; sabaabii kanaaf dhiyaachuu hin waan hin dandenyeef adeemsaa murtii fuula duraatti dhaddachaa dhiyeenyaa jirutti nuf haa dhabbatuu jechuun barreeffamaan iyyannoo dhiyeesaaniiru.

Dhaddachuma kanaan abbaan alangaa himatamaa 11ffaa obbo Dajanee Gutamaa, himatamaa 14ffaa obbo Birhaana Masqaal Ababbaa fi 15ffaa obbo Tsaggayee Raggaasaa mana murtiitti akka dhiyaataniif waamichi gaazexaan ta’eera.

Haa ta’uuti, himatamtoonni kunneen dhiyaachuu waan hin dandenyeef bakka jiranitti himanni isaanii akka ilaalaamu ajajni akka laatamuu gaafatame himatamtoonni dhaabbatichaarratti komii dhiyeesaan  bareeffamaan deebii laachuu ibsuun haa ta’uuti abbaan alangaa ajaja akka dhiyaatan barreessee jiraachuu dhabuun dhiyaachuu dadhabuu isaanii hubachiisera.

Dhaddachi dhimmoota shorkeessuummaa fi heeraa mootummaa federaalaa 1ffaa falmii bitaa fi mirgaa dhaggeeffachuun himatamtoota waamichi gaazexaan ta’eefi hin argamnee bakka hin jireetti himanni isaanii akka ilaalaamu murteesseera.

Gama biraatin gaaffii obbo Jawaar Maahamdaafaan dhaddachii dhiyeenyaatti nuf haa dhaabbatuu dhiyeessaan bulchiinsa mana murtiitti dhiyaatee deebiin akka itti laatamuu ni ta’a jedhameera.

Dhaddachichi beellama jijjiirraa Muddee 8, 2013tti laachuu ragaan Abbaa Alangaa irraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

 

Comments (0)
Add Comment