Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Komii barattoota kuma 20 oliif deebiin kennamuu Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa beeksiise.
Ittaanaan daayrektara olaanaa tajaajila qormaataa obbo Tafarraa Fayisaan akkaataa soroorsa qormaataa fi komiirratti ibsa laataniiru.
Qormaatichi of eeggannoon haa soroorfamu iyyuu malee marsaa 2ffaan rakkoon teekinikaa mudachuu fi sirreefamni taasifamuu eeraniiru.
Rakkichi barattoota 559 hin caallerratti mudachuu fi irra deebi’amee erga ilaalamee booda sirreeffamuu himaniiru.
Komii ilaalchisee barattoonni osoo hin dhama’iin bakka jiran taa’anii sirni ittiin komii isaanii hiikuun danda’amu diriirfamee hojjetamuu ibsaniiru.
Sirnichaan komiin barattoota kuma 20 olii deebii argachuu dubbataniiru.
Dogoggoroonni maqaa fi koorniyaa irra deddeebiin ka’u rakkoolee naannoo manneen barnootaatti uumaman ta’uu eeraniiru.
Bara kana barattoonni qormaaticha fudhatan hedduu ta’uu fi dhaabbilee barnoota olaanoo 47 jiran keessaa bara kana barattoota kan simatan 43 ta’uu ibsaniiru.
Kun ammoo hangi yuunvarsiitiiwwan barattoota itti fudhatan gadi aanaa akka ta’u taasisuun qabxii seensaa olkaasuu addeessaniiru.
Sababa kanaa bara kanatti barattoota qormaaticha fudhatan keessaa barattoonni %25 qofti yuunvarsiitii kan seenan ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.