Komaandi Postiin Labsii Yeroo Ariifachiisaa Naannoo Amaaraatti nageenya mirkaneessuuf hojiilee seera kabachiisuu hojjetamaa jiran gamaaggame

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)- Qajeelchi waliigalaa Komaadipoostii labsii yeroo ariifachiisaa Naannoo Amaaraa naannichatti nageenya mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaa jiran gamaaggameera.

Qondaaltonni Olaanoo Komaandi Postii Obbo Tamasgeen Xurunaa, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaa, Jeneraal Ababawu Taaddasaa, Ittaanaa Koomishinara Jeneraalaa Zalaalam Mangistee, Qondaaltota Olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qondaaltotanni olaanoo Naanno Amaaraa bakka argamanitti gamaaggameera.

Gamaaggama gaggeeffameenis naannicha rakkoo nageenyaa mudatee keessa baasuun nageenyaa mirkaneessuuf, hojiilee seera kabachiisuu hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa ta’uun, sochiin diinagdee fi hawaasummaa fooyya’iinsa argisiiseera jedhame.

Fuuldurattis bu’aa qabeessummaa hojiilee seera kabachiisuu eegalaman cimsuun naannichi guutummaan gara misoomaatti akka deebi’u hojjetamaa jiraachuu qajeelchichi ibsuu AMC’n gabaaseera.

Hawaasniis hojiileen seera kabachiisuu akka milkaa’aniif deeggarsa gama hundaa taasiseef galateeffachuun seeraa kabachiistotaa fi qondaaltota Komaadi Postii waliin hojjechuun gumaachaa baratame taasisuu akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment