Komaandarri Al Shabaab Baashir Mahaammad haleellaa qilleensarraatiin ajjeefame

 Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Komaandarri Al Shabaab Baashir Mahaammad haleellaa qilleensarraatiin ajjeefame.

Haleellaan qilleensaaa Somaaliyaa keessatti raawwatame komaandara milishoota garee islaamaa al-Shabaab ajjeesuu, raadiyoon motummaa gabaaseera.

 Ameerikaan Bara Faranjoota 2008’tti qaama iddoo komaandarri kun jiru eereef doolaara 5,000,000 badhaasuuf waadaa seentee turte.

 Yuunaayitid Isteet haleellaa qilleensaa milishoota Somaaliyaa keessarratti xiyyeeffate irra deebii gaggeessaa jirti.

 Haleellaawwan buufataalee waraanaa fi Keeniyaa keessatti raawwatamaa turan adda durummaan nama geggeessaa ture ta’uusaa, gabaasichi himeera.

 Komaandarichi Guraandhala 22, 2012 magaalaa Saakoow Kibba Somaaliyaatti argamtutti haleellaa qindaa’aa Ameerikaa fi waraana Somaaliyaatiin geggeeffameen ajjeefamuus, gabaasichi dabalee ibseera.

Oduun kun maaliif reefuu akka ba’e garuu hin ibsine.

 Al-Qaayiidaa waliin hidhata qaba kan jedhamu Al-Shabaab, Kibbaafi giddu-gala Somaaliyaa iddoo baay’ee to’atee argama.

 Keeniyaa keessatti haleellaawwan hedduu kan geggeesse yoo ta’u, naannichatti garee shororkeessaa hedduu sodaatamudha.

 Ji’a darbe qofa haleellaa buufata waraanaa loltoonni Yuunaayitid Isteetii fi Keeniyaa fayyadaman irratti haleellaa raawwateen, miseensota waraanaa Ameerikaa sadii fi koontiraaktaroota lama galaafateera.

 

Maddi :- BBC

Comments (0)
Add Comment