Komaand poostiin godina Matakkal farreen nageenyaa 23 irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)-Naannoo Beenishaangul Gumuuz godina Matakkalitti farreen nageenyaa 23 irratti tafkaanfii fudhamuu komaand poostiin godinichaa beeksise.

Walitti qabaan komaand poostii godina Matakkal kolooneel Ayyaaleew Bayyanaa, godinichatti aanaa Daanguuritti  farreen nageenyaa 23 nageenyaa booreessaa turan  irratti tarkaanfii fudhatamuu ibsaniiru.

Farreen nageenyaa tarkaanfii irratti fudhatamee dabalatee meeshaan waraanaa itti fayyadamaa turan 3 to’annaa jala oolu  ragaan Biiroo Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz irraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan
Comments (0)
Add Comment