Kolleejjiiwwan Ogummaafi Teekinikaa humna namaa gahumsa qabu oomishuurratti xiyyeeffachuu qabu- Obbo Oordiin Badrii

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)-  Kolleejjiiwwan Ogummaafi Teekinikaa humna namaa gahumsa qabu oomishuurratti xiyyeeffachuu akka  qaban Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Oordiin Badriin yaadachiisan.

Deeggarsa Birrii miiliyoona 28 Ministeerri Hojiifi Ogummaa taasiseen kan ijaarame  Woorkishooppiin ICTfi Giddugalli Odeeffannoo Kolleejjii Poolii Teekinikaa Hararii Pireezidaantii naannichaa obbo Oordiin Badriifi hogganaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Hararii Obbo Abduljabbaar Mahaammadiin eebbifameera.

Obbo Oordiin haasawaa sagantaa eebbichaarratti taasisaniin, humna namaa qabnu ilaalchaan, ogummaaniifi beekumsaan gahoomsuun haalaan itti fayyadamuu qabna jedhan.

Giddugalli ICT eebbifame kun barnootaafi leenjii qulqullina qabu kennuuf shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Kolleejjiiwwan Ogummaafi Teekinikaa humna namaa gabaan barbaadu leenjisuufi dargaggoota dorgomoo ta’an uumuu akka qaban dhaamaniiru.

Mootummaan naannichaas hojii kolleejjichi hojjetuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu mirkaneessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment