Kolleejjiin poolisii Oromiyaa qodaaltota poolisii saayinsii ittisa yakkaa fi koominitii poolisingiin eebbise

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) –Kolleejjiin poolisii Oromiyaa qodaaltota poolisii saayinsii ittisa yakkaa fi koominitii poolisingiin yeroo jalqabaaf sadarkaa digirii fi dippiloomaan eebbise.

Sirna eebbicharratti kan argaman sadarkaa preezdaanti itti aanaatti qindeessaa kilaastera baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee fi hooggantoonni olaanoon naannoo Oromiyaa garaagaraa irratti hirmaataniiru.

Eebbichaan qondaaltonni poolisii 32 saayinsii ittisa yakkaan sadarkaa digriin eebbifamaniiru.

kaadhimamtoonni qondaalaa 145 immoo koominitii poolisingiitiin dippiloomaan eebbifamaniiru.

Akka gabaasa OBN tti Daayrekatarri olaanaa kolleejjii poolisii Oromiyaa kaadhimamaa Doktaraa komaander Geetachoo Ittaanaa dandeettii miseensota poolisii barnootaan ga’oomsuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment