Kolleejjiin Poolii Teeknika Bishooftuu fi Kolleejjiin BLTO Duukam leenjifamtoota ogummaa garaagaraan leenjisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Hagayya 20, 2015 (FBC) – Kolleejjiin Poolii Teeknika Bishooftuu fi Kolleejjiin BLTO Duukam leenjifamtoota ogummaa garaagaraan leenjisaa turan kuma 1 fi 794 eebbisiisaniiru.

Kolleejjiin Poolii Teeknika Bishooftuu fi Kolleejjiin BLTO Duukam leenjifamtoota ogummaalee 27’n leenjisaa turan kuma 1 fi 794 guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbisiisaniiru.

Kolleejjiin Poolii Teeknika Bishooftuu leenjifamtoota ogummaalee 24’n leenjisaa ture kuma 1 fi 648 fi Kolleejjiin BLTO Duukam leenjifamtoota ogummaalee 3’n leenjisaa ture 146 eebbisiisaniiru.

Eebbifamtoota guyyaa har’aa eebbifaman keessaas dargaggoota kuma1 fi 630’f carraan hojii waarshaaleefi indaastiriiwwan magaalicha keessatti argaman keessatti uumameefii ragaan BCHUOO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment