Kolleejjiin Meedikaala Fayyaa Yakkaatit 12 barattoota damee fayyaan barsiisaa ture eebbisiise

Kolleejjiin Meedikaala Fayyaa Yakkaatit 12 barattoota damee fayyaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Kolleejjiin Meedikaala Fayyaa Yakkaatit 12 barattoota damee fayyaan barsiisaa ture guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Kolleejjichi bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee argamanitti barattoota digirii jalqabaa, Maastersiifi Digirii 3ffaan barsiisaa ture eebbisiiseera.

Tajaajila fayyaa waliin gahuufi  dhibee ittisuuf hojjetamaa jiraachuu Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa eebbaa kanarratti haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Magaalichatti hospitaalota riiferaalaa guguddoo ijaaruurraa kaasee hospitaalota ammayyeessuun meeshaalee yaala fayyaafi humna namaa gahoome guutuurratti  xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tuurizimii fayyaa guddisuuf hojiin mootummaan hojjetu qofti gahaa waan hin taaneef damee dhuunfaa hirmaachisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan.

Eebbifamtoonni naamusa ogummaan uummataafi biyya isaanii akka tajaajilan hubachiisaniiru.

Miilkiyaas Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment