Kolleejjichi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa miidhaman deeggaruuf garee ogeeyyii fayyaaf gaggeessaa taasise

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)- Kolleejjiin Fayyaa Paawii miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa waraana gareen shororkeessaa ABUT baneen miidhaman deeggaruuf garee ogeeyyii fayyaa tola ooltotaaf gaggeessaa taasiseera.

Garichi gara magaalaa Baahirdaaritti imaluun Hospitaala Riifaraala Ajaja Kaaba Lixaatti hojii tajaajila tola ooltummaa baatii tokkoof turu kan hojjetu ta’uu Diiniin Kolleejjichaa obbo Agaajaa Alamaayyoo ibsaniiru.

Gareen kun ogummaan tajaajiluu cinatti deeggarsa uffataa fi qorichaa Birrii kuma dhibba 2 olitti tilmaamamu qabatee ka’uu ibsaniiru.

Miseensonni garichaa gamasaaniin, damee hojii irratti bobba’aniin qaamolee kabaja biyyaa kabachiisuuf miidhamaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuun dirqama lammummaa ba’achuuf kutannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Matakkal irraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment