Kolfee Qaraaniyoo naannoo Kaampii Chaayinaatti balaan ibiddaa qaqqabe to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo naannoo Kaampii Chaayinaatti balaan ibiddaa qaqqabe to’atameera.

Balaan ibiddaa kun sheedoota hojii muukaa fi sibiilaa hojjetaan keessaatti qaqqabuu kutaan magaalichaa ibseera.

Ganama sa’aatii 4:30tti kan ka’e balaan ibiddaa kun balaa osoo hin qaqqabsiisiin hawaasaa fi ogeeyyii balaa tasaatiin to’atamuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment