Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Kitaabni Ulmaa jedhu Gaazexeessituu Saamraawwiit Girmaatiin barreeffame Galma Giddugala Aadaa Oromootti eebbifameera.
‘Ulmaan’ maqaa hawwan da’umsarra jiraniif kennamuu tahuu kan himtee Gaazexeessituu Saamraawwaat Girmaan, sirna da’umsaa keessatti taateewwaniifi sirnoota raawwataman kan of keessatti qabate ta’uu himte.
Keessumaa sirni Ulmaa fi haadholii da’aniif gaggeeffamu kan hawwan wal gahuun odeeffannoo itti wal jijjiiran yoo ta’u, kitaabni ‘Ulmaa’ sirna kana caalmaattu cimsuuf kan barreeffame ta’uu ibsite.
Kitaabichi karoora yeroo dheeraa tahuu himuun, duudhaafi Aadaa Uummata Oromoo kan of keessatti qabate tahuu isaatiin qorannoo abbootiirraa qooddatameen kan barreeffame ta’uu eerterti.
Aadaafi duudhaa hawwan hawaasa keessaa dagatamaa jiru dhaloota yaadachiisuufi hubachiisuuf kan gargaaru tahuus gaazexeessitu Saamraawwiit Girmaa Bantii himteetti.
Kitaabni ‘Ulmaa’ maatiin gaazexeessituufi keessummoonni Affeerraman bakka argamaniitti guyyaa har’aa eebbifameera.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
#Oromiyaa #Ethiopia