Kitaabni Seenaa Oromoo Sooddoofi Haqa Tuulama jedhu eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Kitaabni Seenaa Oromoo Sooddoofi Haqa Tuulama jedhu eebbifameera.

Kitaabni mata dureen isaa  “Seenaa Oromoo Sooddoofi Haqa Tuulamaa”jedhu Nagaash Taammiruutiin barreeffame Giddugala Aadaa Oromootti eebbifameera.

Kitaabichi Afaan Oromoofi Amaariffaan kan barreeffame yoo ta’u,  seenaa Oromoo Sooddoofi Tuulamaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Kitaabni kun haqa yookaan seenaa Oromoo Tuulama dabee barreeffame akkasumas yaada walrukuttaa jiru sirreessuun kan barreeffame ta’uus himameera.

Xiyyeeffannaan kitaabichaa  namoota hubannoo seenaa Oromoo Sooddoo hin qabneef  hubannoo kennuuf, dhaloota dhufuuf seenaa kana yaadachiisuun dabarsuuf, akkasumas seenaa ol kaa’uu keessatti ga’ee ba’achuuf akka ta’e barreessaan Kitaabichaa Obbo Nagaash Taammiruu dubbataniiru.

Kitaabni seenaa kun qabsoo siyaasaa gootota Oromoo Sooddoo akkasumas sochii diinagdee keessatti hirmaanna taasisan, aadaa fi duudhaa Oromoo Sooddoo kan of keessatti hammateedha.

Seenaan waa’ee Oromoo Sooddoofi Tuulamaa hanga tokko barreeffamanis bakkaa bakkatti dhugaan jiruufi wanti barreeffamee jiru wal simuu yoo dhaban ni argama.

Kun ammoo seenaan uummata kanaa ba’ee akka hin mul’anne taasiseera. Kitaabni kun seenaawwan kana mullisuu keessatti ga’ee guddaa kan ba’atuudha jedhameera.

Sirna eebba kanaarrattis, Bulchaan Oromoo Sooddoo Baqqalaa Qacaa dabalatee, qondaaltonni mootummaa olaanoon, hayyoonni seenaa, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee fi keessummoonni argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment