Kitaabni seenaa gootota Oromoo “Danbalii” eebbifame

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Kitaabni mata dureen “Danbalii” seenaa gootota Oromoo of keessatti qabate Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinesh Birruun barreeffame eebbifame.

Seenaa gootota akka Qanyaazmaach Tasammaa Galaan Dangulee, Garbii Bultoo, Abbaa Muudaa Dabalee Buttaa, Gooticha Raggaasaa Bultoo, Qanyaazmaach Kabbadaa Buzuneshii fi gootota biyyaa biroo qabate eebbifameera.

Aadde Warqinash, sababni akka kitaabicha barreessaniif isaan kakaase, maatii isaanii keessa gootonni biyyaaf hojjetan waan jiraniif waan dhagaa’aa fi itti himamaa guddataan bifa kitaabaan dhalootaaf dabarsuuf akka ta’e dubbataniiru

Sirna eebbaa kanarratti Abbootiin Gadaa, Hayyoonni Seenaa fi keessummoonni garaagaraa argamaniiru.

Olyaad Ahimaditu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment