Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Kitaabni Sabboonummaa jedhu Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan barreeffame eebbifameera.
Kitaabni Ministir Deetaa Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Birhaanuu Leenjisoon barreeffame Sabboonummaa jedhamu har’a eebbifameera.
Kitaabni kun bakka Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar dabalatee hoggantoonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti eebbifameera.
Kitaaba hiikoo sabboonummaa sirnaan ibsu, hiikoo dogongoraa jechichaaf kenname sirreessuuf gargaaru sanada gaarii ta’ee kan tajaajilu ta’uu Obbo Aganyahu Tashaagar eeraniiru.
Qophiin kitaabichaa waggoota 5 ol itti fudhachuu Dooktar Birhaanuu Leenjisoon himaniiru.
Kitaabichi boqonnaawwan 15 fi kutaalee gurguddoo 5nitti kan qoodame ta’uu himameera.
Galiin gurgurtaa kitaabichaarra argamu Piroojektoota misooma dargaggoota naannoo hundaa fi bulchiinsa magaalootaa lamaaniif kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Maraa’ool Kadirtu gabaase.