Kitaabni “Gola Harmee” eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)- Kitaabni mata dureen “Gola Harmee” jedhuun Daraartuu Caalchisaan barreeffame eebbifameera.

Sirna eebba Kitaabichaarratti qondaaltonni mootummaa, barreessitoonni, Aartistoonnii fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Kitaabichi jireenya dubartoota irratti xiyyeeffachuun kan barreeffame yoo tahu, muuxannoo dubartoota milkaa’aaniis kan of keessatti qabate ta’uu Barreessituun Kitaabichaa Daraartuu Caalchisaa eeraniiru.

Kitaabichi boqonnaa 6 fi fuula 153 akka qabus himan.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment