Kitaabni dhaloota ida’amuu bifa seeneessuun dhaggeeffattootaa fi daawwattootaaf dhiyaachuuf

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FRDI Dooktar Abiy Ahimad kan barreessaan Kitaabni dhaloota ida’amuu bifa seenessuun dhaggeeffattootaa fi daawwattootaaf dhiyaachuuf ta’uu ibsame.

Addis Waaltaa Miidiyaa fi Kominikeeshiin Korporeeshiniin Kitaabichi bifa seenessuu, fiilmii fi filannoowwan biroon daawwattootaa fi dhaggeeffattootaaf dhiyeessuuf har’a paakkeejjiwwan kanneen eebbisiiseera.

Ministir Deetaa Ministira Turizimii Leensaa Makonniinii fi Daayrektara Olaanaa Inistiityuutii Ministeera Dhimma Alaa Obbo Jafaar Badiruu dabalatee Artistoonnii fi ogeeyyiin miidiyaa sagantaa eebbicharratti argamaniiru jedhame.

Sagantaa eebbichaa cinaatti yaada bu’uuraa Kitaaba dhaloota ida’amuu, gumaacha biyyaalessaa, hojii manaa dhaloota itti aanuu ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment