Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Kitaabni “Daandii Jijjiiramaa” jedhu taateewwan gurguddoo barii jijjiiramaa of keessatti qabate qorattootaaf galtee ta’uu akka danda’u ibsameera.
Guyyaa kaleessaa agarsiisni kitaabaa Waajjira Muummee Ministiraan qophaa’ee guyyoota jahaaf turu mana kitaabaa Abrihootitti banamuun isaa kan yaadatamudha.
Guyyaa har’aa Kitaaba Daaandii Jijjiiramaa waajjirichaan qophaa’erratti mariin taasifameera.
Kitaabichi taateewwan hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee gurguddoo Guraandhala 6, 2010- Qaammee 6, 2011’tti uumaman kan of keessatti hammate ta’uu eerameera.
Seenaa Ityoophiyaa keessatti galmeen oolmaa guyyaa guyyaa moototaa itti galmaa’u kan ture ta’uufi galmecha keessatti taateewwan guyyoota 570 olii galmaa’uu hayyuu seenaa kan ta’an Dooktar Taammiraat Hayileen waltajjicharratti yaada kennaniin yaadachiisaniiru.
Kitaabni Daandii Jijjiiramaa loogii malee bifa walba ta’een kan barreeffame ta’uu ibsaniiru.
Taateewwan kitaabicha keessatti barraa’an qorachuun jijjiiramni bara 2010 Ityoophiyaa keessatti uumame riifoormii akka ta’e ibsuun ni danda’ama jedhaniiru.
Kitaabichi ogeeyyii seenaaf, gaazexeessitootaaf akkasumas tajaajiloota biroof taateewwan haalaan kan ibsu ta’uu ibsaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.