Finfinnee, Bitootessa 19, 2013 (FBC)- kitaabni barreessaa fi qorataa aadaaf seenaa obbo Boonsamoo Mi’eessoo har’a eebbifameera.
Kitaabni Gadaan bulii fi looga Oromoo Arsii jedhu kun obbo Boonsamoo Mi’eessootiin barreeffame magaalaa shaashamanneetti eebbifameera.
Kitaabichi sirna gadaa Arsii irratti kan qophaa’e yoo ta’u, mata dureewwan akka arsoomaa fi qorsooma, seera ambaa, koottu dhufee, gumaa, siinqee, fi dhaha Oromoo irratti kan barreeffamedha.
Itti gaafatamtuun waajjira aadaa fi turiziimii magaalaa Shaashimannee aadde Zeeytunaa Huseen eebbicharratti argamuun obbo Boonsamoo Mi’eessoo, aadaa fi seenaa Oromoo qorachuun hambaalee seenaa walitti qabuun goda hambaa kaayuun aadaa fi seenaa dhaloota dhaalchisan jedhaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.