Kitaabni Barnoota Safuu eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)- Sirni eebbaa kitaaba Barnoota safuu gaggeeffame.

Sirna eebbichaarratti Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu dabalatee qooda fudhattoonni damichaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Dooktar Tolaan waltajjicharratti dhaloota naamusa cimaa fi jaalala biyyaa qabu horachuuf barnoonni safuu murteessaa ta’uun sirna barnootaa haaraa keessatti hojiirra akka oolu taasifamuu himaniiru.

Dhaloonni ifa boruufi bu’uura boruu aadaa fi duudhaa Oromoon qabu beekee akka ittiin jiraatu Sirni Gadaa hojiirra akka oolu taasifamuu yaadachiisanii, bara kanas barattoonni naamusa cimaadhaan qaramanii akka guddataniifi biyya isaanii akka tajaajilaniif barnoota safuu fi ogummaan daa’immanii kan kennamu ta’uu eeraniiru.

Obbo Abdulhakiim Muluu gama isaaniin, dhaloota ijaaruufis ta’e kuffisuuf sirni barnootaa gahee olaanaa kan qabuu ta’uu fi mootummaan sirna Barnootaa fooyyessuun dhaloota dorgomaa fi ofitti amanamummaa qabu horachuuf hojjecha jiraachuu himaniiru.

Dhaloota gama hundaan gahoomee fi rakkoo biyyaa hiikuu danda’u horachuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment