Kitaabni afaan oromoo Siiqqee araaraa jedhamu eebbifame

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Kitaabni afaan oromoo Siiqqee araaraa shamarree Milkii Magarsaan barreeffame eebbifame.

Guyaa har’aa kitaabni Siiqqee araaraa jedhame shamarree Milkii Magarsaatiin barreeffame Finfinnee Galma Aadaa Oromootti eebbifameera.

Shamarree Milkii Magarsaa biyya hambaatti haala rakkisaa keessatti kitaaba kana barreessuu ishee ibsiteerti.
Haala mijataa qofa eeguun kaayyoo ofii galmaan ga’uun kan hin danda’amne ta’uu haasawasa ganticharratti taasiifteen himteerti.

Shamarree Milkiin maatii fi namoota deeggarsa taasiisaniif hunda galeeffateerti.

Preezdaantiin Waladaa Barreessitoota Oromiyaa obbo Yoomiyyuu muul’ataa
dubartoonni kitaabaa barrressaanii galmaan ga’an baay’inaan kan hin muul’anne ta’uu dubbataniiru.

Dargagagoof dargageettiin kitaaba barreessuun Seenaa fi duudhaa ummata Oromoo beeksiisuuraatti hirmaachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Saganticharratti preezdaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa obbo Dirribii Damissee,
Preezdaantii Waladaa Barreessitoota Oromiyaa Yoomiyyuu Muul’ataa, abbootiin Gadaa,Keessummoonni kabajaa qeerroo fi qarreen argamaniiru.

Samiiraa Mohammedyaasiintu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment