Kitaabilee sirna barnootaa haaraan maxxanfaman keessaa miiliyoonni 10 naannolee fi magaalootaaf rabsamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Kitaabileen sirna barnootaa haaraan maxxanfaman miiliyoona 22.7 keessaa miiliyoonni 10 manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa naannolee fi magaalootaaf rabsamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerichi ga’umsa barsiisota fi hoggansa barnootaa fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Yaa’ii Barnootaa 32ffaa magaalaa Jigjigaatti gtaa’amuuf mariin qophii duraa gaggeeffamaa jira.

Carraalee ofiin of bulchuu fi qormaatilee isaa mata duree jedhuun barreeffamoonni qorannoo dhiyaachuu ibsameera.

Yuunivarsiitiin Finfinnees yaa’icharratti muxannoo isaa qoodera.

Waggoottan darban waliingahiinsa barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hedduun hojjetamus qulqullinni barnootaa garuu har’achuu dhufuu Ministeera Barnootaa Ministir Deetaan Misooma Barnootaa Ayyalachi Isheeteen ibsaniiru.

Hojiin qajeelfama ga’umsa barsiisootaa fi hoggansa barnootaa fooyyessuu eegalamuu dubbataniiru.

Hirmaannaa hawaasaa cimsuun hudhaalee damee barnootaa furuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment