Kitaabaa Dhaloota Ida’amuu Birrii miiliyoona 609 oliin bituuf waadaan galame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Abbootiin Qabeenyaa Naannoo Oromiyaa Kitaaba ‘Dhalootaa Ida’amuu’ Birrii Miiliyoona 609 oliin bituuf waadaa galan.

Sagantaan beeksisa fi galii walitti qabuu Kitaaba Dhaloota Idaa’amuu Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Sagaticharratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, abbootii qabeenyaa fi namoota dhunfaa kitaabicha bituun ashaaraa dhalootaa Holqa Soofumar misoomsuuf ka’an galateeffataniiru.

Ijaarsi daandii Baalee Roobee-Holqa Soofumar geessu sadarkaa asfaaltii saffisaan ijaaramaa jiraachuu kan eeran Obbo Shimallis, naannawaa Soofumaritti Riizoortii fi Hoteela sadarkaa idil addunyaa eeggate abbaan urjii 4 ni ijaarama jedhan.

Abbootiin qabeenyaa biyyattiis Holqa Soofumar misoomsuuf gama maraan deeggarsa barbaachisaa akka taasisan gaafataniiru.

Sagantaa beeksisaa fi galii walitti qabuu kanarratti abbootiin qabeenyaa naannichaa kitaaba ‘Dhalootaa Ida’amuu’ Birrii miiliyoona 609 fi kuma 220 oliin bituuf waadaa galaniiru.

Gammachiis Taarikuu fi Dagmaawwii Deeksisaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment