Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Kirooshiyaan Ityoophiyaatti Embaasii banuuf ta’uun ibsame.
Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaan Daayrektara Olaanaa Ministira Dhimma Alaa Kirooshiyaa Piitar Mihaatoov waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis hariiroo gama lameenii, dandeettii tumsa dinagdee fi dhimmoota naannawaa fi damee hedduu, akkasumas dhimmoota waloo ta’an irratti tarkaanfiiwwan qindoominaa fudhataman irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaa, Kirooshiyaan Embaasii ishee Finfinneetti banuuf murteessuu ishee simachuun, gahee murteessa Ityoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa keessatti qabdu ibsaniiruu.
Kana malees hariiroo Ityoophiyaa fi Kirooshiyaan hariiroo daldala bunaa, huccuu fi gogaa cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Fuuldurattis walitti dhufeenya jiru daran cimsuu fi marii gama lameenii ministorootaa mootummaa haala hirmaachiseen gaggeessuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.