Kirooshiyaa magaalaa Zaagreebitti balaa kirkira lafaa mudateen gamoowwan hedduurra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Kirooshiyaa magaalaa Zaagreebitti balaa kirkira lafaa mudateen gamoowwan hedduurra miidhaan qaqqabeera.

Wayita vaayrasiin koroonaa fayyaa addunyaa yaaddessaa jirutti, guyyaa kaleessaa magaalichatti balaan tasaa hin eegamne mudachuun hedduu rifaatuu uumera.

Balichi kaleessa Dilbata akka lakkoofsa sa’aatii biyyattiitti naannoo sa’aa 6tti qaqqabe.

Balaa qaqqabeen gamoowwan paarlaamaa dabalatee, hedduun jijjiganiiru.

Konkolaattonni lakkoofsan heddummaatanis faayidaan ala ta’aniiru.

Balaa kanaanis mucaa guddataa tokkorra miidhaa cimaan ga’eera.

Guddaticha dabalatee namoonni 16 miidhamaniiru.

Jiraattonni Zaagreeb kana dura sababa vaayrasii koroonaatiif mana isaanii keessaa akka hin baane dirqamaniit turan.

Yaa ta’u malee kirkirri mudate kun ammoo mana keessaa akka ba’an dirqisiisera.

Balichaan iddoo takkatti walitti qabamuun saaxilama dabalaan aritiin gara mana isaaniitti akka deebi’an aanga’oonni biyyattii dhaamaniiru.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment