Kirkirri Lafaa naannawaa Matahaaraatti mudate Finfinneetti hollannaan isaa dhaga’amuu ibsame

Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) – Kirkirri Lafaa Fantaallee naannawaa Matahaaraatti mudate hollannaan isaa Finfinneetti dhaga’amuu Yuunivarsiitiin Finfinnee beeksiise.

Aanaa Fantaallee fi naannawaa magaalaa Matahaaraatti kirkirri lafaa hammi isaa garaagaraa ta’e Mudde 10, 2017 eegalee mudachaa jiraachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Itti Gaafatamaan Muummee Barnoota Seesmooloojii Piroofesar Attaalaay Ayyaalaan ibsaniiru.

Eda halkan naannoo Sa’aatii 4:41 naannawaa magaalaa Matahaaraa Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.9 galmaa’e mudachuu Piroofesar Attaalaay Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Kirkirri lafaa naannawichatti mudate kun hollannaan isaa Finfinneetti dhagahamuu ibsaniiru.

Kirkirri lafaa eda mudate kun hollannaan isaa haala kana duraarraa bifa adda ta’een dhagahamuu Naannoo Afaaritti bulchaan Zoonii 3 Obbo Abdoo Alii Abbubakar eeraniiru.

Hollannaan kun hanga halkan keessaa sa’aatii 7:00 itti fufiinsaan dhagahaamaa turuu himaniiru.

Kaleessa guyyaa naannawaa sa’aatii 9:00 Gaara Fantaalleerratti Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.6 mudachuun kan yaadatamuudha.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment