Kirkirri lafaa Awaash Fantaalleetti mudate

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2017 (FBC)-Kirkirri lafaa naannawaa Awaash Fantaalleetti mudachuu Yuunivarsiitiin Samaraa ibse.

Pireezidaantii Itti Aanaa Ce’umsaa Teeknooloojii fi Qorannoo Yuunivarsiitichaa Adam Alii har’a ganama naannawaa sa’aatii 1:37tti kirkirri lafaa reektar iskeelii 4.6 galmeesse mudachuu FBC’f ibsaniiru.

Qaamoleen dhimmichi ilaallatus jiraattotarra miidhaan akka hingeenyeef eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gaafataniiru.

Dhaabbilee Barnoota Olaanoo dabalatee dhaabbileen damicharratti hojjetan haala naannawichaa qorannoo gaggeessuun miidhaan qaqqabuun dura argannoo saayinsaawaa beeksisuun kan irraa eegamu ta’uu hubachiisaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment